• Mon. Mar 30th, 2026

Godina Harargee Bahaa Aanaa Malkaa Bal’oo keessatti bilxiginnaan dargaggoota ukkaamsuu, saamuu fi reebuu hammeessan

Jan 6, 2025

ONM-ABO Amajjii 5, 2025 

Caasalee isaa kabajaaf namuusni namummaa irraa hin calaqqisne uummatatti bobbaasuun guyyuu imimmaaniif dhiiga ilmaan Oromoo dhangaasaa kan oolu bulchiinsi abbaa irree impaayerattii bilxiginnaan guyyaa dhufee darbuun sababa tokko malee jiruuf jireenya Oromoota maraa barbadeessaa jira.

Baha Harargee aanaa Malkaa Balloo araddaa Caffee Wal ta’aa keessatti dargaggoota umuriin isaanii 10-20 ta’an jumlaan ukkaamsuun yoo dhabamsiisan gama tokkoon ammoo maanguddoota umurii isaanii 60 ol ta’an maallaqa humnaa olii irraa fudhachuun reebicha hamaa irratti raawwatanii miidhaaf saaxilaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Biyya bulchuu irra gara qileetti oofaa kan jiran bilxiginnaa fi eegdonni dantaa isaaniif jecha Saba irraa dhalatanitti afaan qawwee qabuun hidhuu, ajjeesuu saamuu fi dirqiin ukkaamsuun achi buutee dhabamsiisuun uummatatti yaaddoo ta’anii jiraachuu maddeen keenya garaa garaa ONM’f eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading