ONM-ABO Amajjii 6, 2025
Yeroo hundumaa gama isaaf dandaa’ame maraan ilmaan Oromoo mataa gadi qabuun kan itti tolu murni garboomfataan PP, wayita ammaas gibira da’oo godhachuun saamicha hamaa geggeessaa jira.
Aanaa Gindabarat ganda Winee Roggee jedhamu irraa lukkeeleen Bilxiginnaa torban darbe irraa eegaluun hawaasatti afaan qawwee qabuun saamicha geggeessaa kan jiran yoo ta’u, dirqamaan qarshii 4,000 irraa guuraa jiraachuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Ganda kana malees, gandoota aanichaa hundaa fi akkuma impaayerattiitti daballiin gibiraa humnaan ol hawaasatti ta’uun, murni abbaa irree PP afaan qofaan “impaayerattii natu harkaa qaba” jedhu kufaatiin dinagdee waan isa mudateef uummata ofiifuu waan nyaatu dhabee rakkatu hiraarsuun dinagdee isaa utubataa jiraachuun itti dabaluun ibsameera.