• Tue. May 12th, 2026

Bilxiginnaan Lixa Harargee Aanaa Odaa Bultum keessatti uummata jumlaan hidhaatti guuraa jiraachuun dhagaa’ame

Jan 7, 2025

ONM-ABO Amajjii 7, 2025 

Dhiigaaf dafqa uummata Oromoo soorachuun kan jiraattu impaayerri Itiyoophiyaa bara dhufee darbuun bulchitoota isheen uummanni Oromoo balleessaa tokko malee Oromummaa isaa qofaan jibbamuun biyya abbaa isaa Oromiyaa irratti goolessitootaa fi faashistoota abbaa irreen lubbuu ilmaan isaa dabalatee qabeenya isaa dhabaa har’a ga’ee jira.

Lixa Harargee aanaa Odaa Bultum araddaa Lakkoofsa 7 keessaa uummata nagaan mana isaa jiraatu maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo karaa dabarsitu jedhu itti maxxansuun hidhaatti galchanii hiraarsaa jiraachuu maddeen eeran.

Namoonni kunneenis maqaan isaanii, Raashad Ibraahim, Naasiroo Huseen, Sulxaan Jamaal, Ahimed Mahaammad, Abirashaa Aliyyaawuu, Ahimed Ibraahim, Mahaammad Jamaal fi Nuuruu Ayyuubee kan jedhaman oggaa ta’u, kana malees namoota maqaan isaanii adda hin baane dubartoota 2 fi dhiirota 8 waajjira poolisii magaalaa Baddeessaa keessatti hidhanii dararaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Sababoota hiika hin qabneen lammiilee nagaa hiraarsuu kan aadeeffatan tiksitoonni barcuma siyaasaa koloneel Abiy Ahimed jiruu fi jireenya uummata nagaa qe’ee isaa keessatti ugguruun mana hidhaa taasisaa kan jiran gochoota badii isaanii kana ittuma fufuun ajjeechaa, saamicha, hidhaa fi dararaa garaa garaa ilmaan Oromoo irratti geggeessaa jiraachuu maddeen keenya ONM’tti himaaniru. 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading