• Tue. Jan 13th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruu irraa waraanni murna Bilxiginnaa jiraattota jumlaan hidhaatti guuruun yeroo dheeraa fi bifa haarawaan hidhaatti darbatee dararaa jiraachuun ibsame

Jan 8, 2025

ABO-ONM Amajjii 8, 2025 

Kutaalee Oromiyaa cufa keessaa ilmaan Oromoo hiraarsuun garaa kan qabbaneeffatu murni nama nyaataan Bilxiginnaa, maatii qabsaa’otaa jumlaan hidhaatti guuruun dararuu jabeessee jira.

Aanaa Amuruu magaalaa Oborraa jedhamu irraa loltoonni Bilxiginnaa Sadaasa 9, 2024 irraa eegaluun qonnaan bultoota 130 ol badii tokko malee ukkaamsuun yeroo dheeraaf hidhanii waajjira poolisii aanichaatti maqaa adda addaa itti maxxansuun yakkanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kana malees, bulchiinsa magaalaa Amuruu irraa Amajjii 2, 2025 qonnaan bultootni 17 ol kan ammaaf maqaan isaanii adda hin baane maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” jedhuun hidhaatti darbatamanii dararamaa jiraachuu fi jiraattonni hedduun badii tokko malee hiraarsaa ulfaataa argaa jiraachuun ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading