• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti loltoonni Bilxiginnaa jiraattota irratti saamicha raawwachuu hammeessan

Jan 8, 2025

ABO-ONM Amajjii 8, 2025 

Abiy Ahimed kufaatii gama maraan impaayerattii mudate irraa of bararuuf, jaleewwan isaaf ajaja kennuun qe’ee uummata Oromootti bobbaasee saamicha daangaa darbeen jiruu fi jireenya isaanii irraan miidhaa geessisaa jira.

Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa saamicha humnaa ol hammeessuun, yeroo ammaa kanas maqaa kaffaltii gibiraa jedhuun gandoota aanichaa hunda keessatti kan dur kaffalan irratti dachaa 4 dabaluun nama tokko irraa gadaanaan qarshii 5,200 fi olaanaan ammoo hanga 22,000’tti dirqamaan guuraa kan jira ta’uu ONM jiraattota irraa odeeffatee jira.

Akka jiraattonni ONM dubbise eeranitti, hawaasni ofiifuu qaala’iinsa jireenyaan rakkoo hamtuu keessa jiru waan kennu dhabuun dararaa ulfaataa keessummeessaa jiraachuu himuun, namni yeroon hin kaffalle “ni hidhama akkasumas, xaa’oo fi sanyii filatamaa illee hin argatu” jechuun doorsifamaa kan jiran ta’uu ONM’f eeranii jiru.

Kana malees aanicha keessatti saamichi kun bifa jijjiirrataa buluun ittuma fufuun, ganda Gabaa Ulee jedhamu keessaa Amajjii 5, 2025 halkan keessaa toora sa’a 4:00’tti itti dhaquun “abbaa warraa keetu miseensa WBO’ti” sababa jedhuun Aadde Bashee Shaashoo kan jedhamtu jalaa horii 2 yoo saaman, haaluma wal fakkaatuun Obbo Wayyeessaa Jabeessaa nama jedhamus “ilma keetu miseensa WBO’ti” jechuun badii tokko malee loon 3 jalaa ooffatanii deemuu maddeen itti dabaluun himanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading