ONM-ABO Amajjii 9, 2025
Impaayera Itiyoophiyaa afaan qawween ijaaramee afaan qawween ummata ukkamsee bulchaa jiru aanaa Muuneessaa ganda Sharoo Qeeransaa keessatti kaabinoonni sirnichaa waraana uummatatti bobbaasuun jumlaan mana hidhaatti guuruu fi qabeenya isaanii saamuun hawaasicha harka duwwaatti hambisaa jiraachuun ibsameera.
Namoota mana hidhaa keessatti maqaa hariiroo WBO waliin qabdu jedhuun gandicha irraa qabamanii yeroo dheeraaf aanichatti dararamaa jiran keessaa kan maqaan nu gahe:
- Obbo Muhaammad Muusaa,
- Obbo Huseen Haji Guyyee,
- Reediwaan Huseen,
- Gammad Mohaammad,
- Didhaa Badhaadhaa fi
- Amaan Tusaa yoo ta’an,
- Didhaa Badhaadhaa fi
- Amaan Tusaa haadha manoota isaanii fi
- Ashee Didhaa maatii guutuu wajjin mana hidhaatti darbachuun beekameera.
Maatii jumlaan hidhamanii hiraarfamaa jiran kanneen jalaas midhaan ooyiruu irratti bineensotaan jalaa nyaatamuu, qe’een onee jiraachuu fi qabeenyi barbada’aa akka jirus jiraattonni ollaa ONM’tti himaaniru.


