• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Baha Harargee Aanaa Baddannootti ergamtoonni bilxiginnaa dargaggoota ukkaamsuun leenjii waraanaatti guuruu itti fufan

Jan 10, 2025

ONM-ABO Amajjii 9, 2025 

Mootummaa nama nyaataan sirnichaa afaaniin “biyya natu bulcha” ofiin jedhu kan barcuma aangoo isaa qiinqaniin qorqee fixe ilmaan Oromoo xiqqaa hanga guddaatti fedhii malee humnaan qabuun gara mooraa leenjii waraanaatti erguun yeroo muraasa leenjisee adda waraanaatti baasuun ilmaan Oromoo ficcisiisaa jira.

Araddaa Gooroo Wadoo jedhamu irraa lukkeeleen bilxiginnaa jiraattota irratti dhiittaa mirga namoomaa hedduu raawwachaa kan jiran yoo ta’u, gandicha keessaa Amajjii 6, 2025 dargaggoota hedduu maqaa “biyya keessaniif loltu” jedhuun ukkaamsanii leenjii waraanaatti guuraa jiraachuu fi isaan kaan irratti reebicha hamaa raawwatanii kaanis hidhaa jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Yeroo adda addaa aanicha keessaa dargaggoota hedduu ukkaamsanii leenjii waraanaatti ergaa kan turanii fi kan jiran lukkeeleen PP kanneen deemuu didan hidhuu, reebuu fi qarshii hedduu irraa saamaa kan jiran ta’uunis ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading