• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Gujii Bahaa Aanaa Gooroo Doolaatti jiraattota jumlaan hidhaatti guuruun cimee itti fufee jiraachuun himame

Jan 10, 2025

ONM-ABO Amajjii 9, 2025 

Xiqqaa fi guddaa, beekaa fi wallaalaa, jaarsaa fi jaartii osoo hin jenne loltoonni bilxiginnaa maqaa adda addaa itti maxxansuun ilmaan Oromoo yakkanii hiraarsaa ulfaataa irraan geessisaa kan jiran yoo ta’u, sababa lukkeelee kanneeniif hawaasni akka itti ba’ee galu dhabaa jira.

Aanaa Gooroo Doolaa ganda Mucoo fi Waatoo irraa torban darbe keessa badii tokko malee jiraattota jumlaan hidhaatti guuruun, namoota maqaan isaanii:

  1. Goluu Guyyee Majaa,
  2. Boonaa Raafamaa,
  3. Booruu Mi’eessaa Areeroo,
  4. Abdullaahi Jiloo Majaa, 
  5. Daggafaa Abbaa Goobaa,
  6. Sulxaan Sokorraa Olkoo fi 

namoota baay’inaan 200-300 ta’an maqaa “ijoollee keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jiraa dafaa waamaa galchaa” jechuun garmalee dararaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Kana malees, aanicha guutummaa keessaa dargaggoota hedduu ukkaamsuun leenjii waraanaatti illee guuraa kan jiran ta’uun dabalataan ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading