ONM-ABO Amajjii 11, 2025
Koloneel Abiy Ahimed ergamtoota isaa gubbaa hanga gadiitti of jala hiriirsuun afaaniin waa’ee nagaa lallabaa ifatti immoo, amala abbaa irrummaa isaa agarsiisaa kan jiru haala ittiin hawaasa Oromoo miidhu irratti guyyaa guyyaan karoorfataa jira.
Haaluma kanaan dirqama ergamtoota isaatti kenneen godina Baha Harargee aanaalee akka: Baddannoo, Gola Odaa, Kurfaa Callee, Maayyuu Mulluqqee, Guraawaa, Gumbii fi kanneen biroo irraa ergamtoonni Bilxiginnaa kunneen Amajjii 9,2025 walitti qabamuun maqaa “bulchaa araddaa fi waajjira nageenyaa” jedhuun waltajjii taa’aa jiru. Waltajjiin isaanii kunis haala ittiin hawaasa Oromoo akka Bilxiginnaaf tolutti bulchan irratti waliin mari’achaa akka turan icciitiin keessoo isaaniitii ba’e ni mul’isa.
Akka namoonni keessa beekan himanitti, mata dureen marii isaanii:
1) Caasaalee ABO-WBO qulqulleessuu,
2) Bilbila namoota shakkanii hidhanii sakatta’uu
3) Uummata naannoo gammoojjii jiraatanii fi horsiisee bultoota irraa qawwee funaanuu kan jedhu irratti aanaa Baddannootti mari’achaa turuutu dubbatama.
Aanaaleen akka: Maayyuu Mulluqqee, Gumbii fi Gola Odaa irraa addatti meeshaalee waraanaa hawaasa horsiisee bultoota ta’an irraa guuruuf kan mari’atan ta’uun dabalataan ibsameera.


