• Thu. Mar 12th, 2026

Magaalaa Finfinnee kutaalee bulchiinsa magaalota addaa addaa keessaa ergamtoonni Bilxiginnaa dargaggoota adamsanii ukkaamsuun gara leenjii waraanaatti guuruu cimsanii itti fufan

Jan 11, 2025

ONM-ABO Amajjii 11, 2025 

Murni jiguuf lubbuun keessaa ba’uu didee kokkeetti rakkachaa jiru Bilxiginnaan, tibba kana ammoo waan kufaatii oolu itti fakkaachuun kutaalee impaayerattii cufa keessaa jiraattota saalaa fi umuriin osoo adda hin qoodin dirqamaan gara leenjii waraanaatti geessuu itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan torbeema kana keessa magaalaa Shaggar kutaa bulchiinsa magaalaa Buraayyuu dabalatee kanneen biroo hedduu keessatti ergamtoonni sirna moofaa suphuuf halkanii fi guyyaa jooran saboota kan biroo irraa addatti, dargaggoota Oromoo irratti xiyyeeffachuun jumlaan ukkaamsanii gara mooraa leenjii waraanaatti guuraa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akkasumas, Baha Shaggar magaalaa Adaamaa dabalatee bakkeewwan addaa addaattis haaluma wal fakkaatuun jiraattota leenjii waraanaaf ukkaamsuun jabaatee itti fufee jiraachuu maddeen itti dabaluun eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading