• Thu. Jan 1st, 2026

Saamicha maallaqaa aanga’oonni mootummaa Bilxiginnaa waajjira mootummaa irratti raawwachaa jiraniin Waajjiraaleen mootummaa hedduun isaanii rakkoo baajetaa hamtuuf saaxilamaa jiraachuun dhagaa’ame

Jan 11, 2025

ONM-ABO Amajjii 11, 2025 

Waajjira mootummaa Bilxiginnaa kan ta’ee fi boordiin kan bulu Waajjirri Ijaarsa Korporeeshinii Ijaarsa Oromiyaa isa tokko yoo ta’u, impaayerattii keessattis hojiilee inni hojjechuuf hundeeffame kanneen akka: Ijaarsa Daandii, Ijaarsa Gamoowwanii, Ijaarsa Bishaan Dhugaatii fi kkf ta’uun ni beekama.

Waajjirri kunis yeroo amma hanqina  baajetaa hamaa keessa jiraachuu irraan kan ka’e hojjetoota isaaf illee miindaa ji’aa erga guyyaan kaffaltii dhumee turtii guyyoota 15 booda kaffalaafii kan jiru hoggaa ta’u, hojjetaanis mirga isaa yoo gaafate doorsisni hojii irraa geggeefamta jedhu sababa irra ga’uuf sodaa jireenya isaa boriitiif jecha afaan isaa qabatee akka harree ba’aa itti fe’anii hojii isaa qofa hojjeta jechuun maddeen himan.

Akkasumas dhaabbata dhiheessii meeshaalee konkolaataa fi maashinaa liqii irraa fudhatu kanneen akka: Mo’eenkoo (Moenco) Niyaalaa, Raayis (Ries) fi kkf, Abbootii qabeenyaa maashinaa fi konkolaataa irraa kireeffatuuf maallaqa isaan irraa qaban yeroon kaffaluufii dadhabuu irraan kan ka’e, dhaabbileen armaan olitti eeraman kunneen mana murtiitti himachuun dabtarri herregaa waajjirichaas irra deddeebiin jalaa cufamuu isaan wal qabatee hojiiwwan garaa garaas hanga irraa eegamu hojjechuu kan hin dandeenye ta’uun eeramee jira.

Dabalataan, aanga’oota Bilxiginnaa kanneen akka Fiqaaduu Tasammaa, Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhina Oromiyaatiif waajjira kana irraa guyyaatti durgoo qarshii 7,000 inni argatu ji’a ji’aan kan hojjetamuu fi eegdota Piresidentii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaaf illee haaluma wal fakkaatuun kan kaffalamuuf ta’uun ibsameera.

Kanuma irraa ka’uun, waajjirichi yeroo ammaa kufaatii dinagdee isa mudate kana dandamachuu dadhabuun qabeenya dhaabbataa of harkaa qabu kanneen akka konkolaataa fi maashinoota addaa addaa sababoota garaa garaa uumuun, abbootiin qabeenyaa dhuunfaa fi hooggantoonni harka wayyaa jalaan bitachaa akka jiran maddeen itti dabaluun ONM’f ifoomsanii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading