• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Daaboo Haannaatti loltoonni Bilxiginnaa maraataa tokko reebuun hidhan

Jan 13, 2025

ONM-ABO Amajjii 12, 2025 

Loltoonni Bilxiginnaa nama sammuun miidhamaa fi fayyaa adda baasuu hin dandeenye akkasumas, ofuma isaaniif iyyuu sammuun isaanii miidhamaa kan ta’e kutaalee Oromiyaa cufa keessaa fayyaaf dhukkubsataa osoo adda hin baafatin reebichaa fi ajjeechaa hawaasa irratti raawwachaa jiru.

Aanaa Daaboo Haannaa ganda Ifa Baas Cooree jedhamu irraa loltoonni sirnichaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Farra Riphee Lolaa jechuun of waaman badii tokko malee dargaggoo maqaan isaa Ahimad Mahaammad jedhamu kan waggoota 3 dura sammuun isaa miidhamee jiru, Waraana Bilisummaa Oromoodha jechuun erga irratti dhukaasanii booda qabanii reebicha hamaa irraan gahuun hidhanii dararaa jiraachuu jiraataan gandichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.

Gandicha keessaa maqaa “ilmaan keessantu Waraana Bilisummaa Oromoo keessa jira” jedhuun namoota 40 ol hidhanii dararaa kan jiranii fi “ilmaan keessan yeroo dhiyootti galchuu qabdu; kana ta’uu baannaan beekkadhaa!” jechuun doorsisa garaa garaa irratti raawwataa jiraachuun dabalataan ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading