• Sun. Jan 11th, 2026

Ajjeechaa fi hidhaan loltoota Abiy Ahimediin lammiilee nagaa irratti raawwatu Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Begii keessatti jabaatee itti fufe

Jan 14, 2025

ONM-ABO Amajjii 13, 2025 

Aanaa Begii ganda Qacoo Waabaraa keessaa Amajjii 8, 2025 ergamtoonni sirna nama nyaataa PP jiraataa maqaan isaa Gammachuu Abrahaam jedhamu gocha isaa malee “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jechuun rasaasa itti roobsanii haala suukkanneessaan ajjeesanii gatuu jiraataan gandichaa ONM dubbise tokko himee jira.

Kana malees ganduma kana keessaa guyyaadhuma kana nama maqaan isaa Kamaal Ahimad jedhamu ammoo badii tokko malee hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen himan.

Hidhaa fi dararaan hawaasa nagaa irratti raawwatu kun jabaatee ittuma fufuun, yerooma wal fakkaataatti aanichuma ganda Laaloo Nooraa iddoo addaa Migira jedhamu keessaa Naasir Musxafaa nama jedhamus hidhanii kan jiran ta’uu maddeen itti dabaluun ONM’f eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading