• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo butuun ukkaamsanii achi buutee dhabamsiisuu itti fufan

Jan 14, 2025

ONM-ABO Amajjii 13, 2025 

Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa “Faannoo” jedhu moggaafachuun ilmaan isaanii kutaalee Oromiyaa keessa jiraatanii fi ergamtota Bilxiginnaa hunda firoomfachuun hanga funyaaniitti hidhatanii uummata meesha maleessa nagaan qe’ee isaa irra jiraatu irratti gochoota gara jabinaa ulfaataa  raawwachaa jiru. 

Aanaa Abee Dongoroo ganda Loomicaa bakka addaa Bijjiit jedhamu irraa hidhattoonni Amaaraa gara jabina ulfaataa ta’een ilmaan Oromoo irratti gochoota suukkaneessoo  raawwachaa kan jiran yoo ta’u, Amajjii 10, 2025 namoota maqaan isaanii:

  1. Addisee Katamaa, 
  2. Kaayyoo Oliiqaa fi
  3. Tashaalee Addunyaa kanneen 

jedhaman osoo isaan konkolaataan deemanii ukkaamsuun hanga ammaatti achi buutee isaanii dhabamsiisuu maddeen itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Yeroo darbe keessa obboleessa Tashaalee Addunyaa kan ta’e Xilahuun namni jedhamu gara jabeeyyii hidhattoota Amaaraan ajjeefamuu isaa isiniif gabaasnee turuun keenya niyaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading