ONM-ABO Amajjii 14, 2025
Akeekaa fi kaayyoon isaa Oromoo dachee isaa irraa dhabamsiisee ilmaan alagaa dhaalchisuuf duguuggaa sanyii raawwachaa kan jiru faashistichi abbaa irree impaayerattii Bilxiginnaan abjuu Minilikiin dhugoomsuuf aduu dhihee bari’uun lubbuu lammiilee nagaa harcaasaa jira.
Godina Gujii Bahaa aanaa Gooroo Doolaa ganda Raarootti waraanni goolessaan PP Amajjii 11, 2025 daa’ima tokko kan maqaan ishee Badhaatuu Yaamadoo jedhamtu balleessaa tokko malee rasaasa itti roobsuun yoo madeessan, maatiin isheen achii fudhachuun gara Hospitaala Adoolaa Wuuyyootti yaalchifachaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Balleessaa tokko malee Oromummaa isaa qofaan yakkamuun rasaasa diinota isaan dhiigni ilmaan isaa akka lolaa gannaatti dhangala’aa kan oolu uummanni Oromoo ammas mirga lubbuun jiraachuu biyya isaa irratti qabu mulqamuun hidhaa, saamicha, ajjeechaa fi dararaa garaa garaan gidirfamaa jira.


