• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Qilxuu Kaarraatti waraanni faashistii PP dargaggoo tokko bakka cidhaatii ukkaamsuun ajjeechaa irratti raawwatan

Jan 15, 2025

ONM-ABO Amajjii 14, 2025 

Murni faashistii Koloneel Abiy Ahimediin hoogganamu wareegama qeerroo fi qarreen argame butuun barcuma aangootti dhufuu dagachuun  warreen aarsaa lubbuu taasisanii bobaa sirna EPRDF’f jalaa isaan baasanitti afaan qawwee galagalchuun ajjeechaa irratti taasisuu cimsee itti fufeera.

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Qilxuu Kaarraa ganda Guyyoo Jirmaa bakka addaa Saccii jedhamutti dargaggeessa maqaan isaa Biqilaa Faqqadaa Bayyanaa jedhamu bakka cidhaatii Amajjii 12, 2025 waraanni maafiyaan PP ukkaamsuun halkan sa’a 4:00’tti rasaasa itti roobsuun ajjeesanii gatuun himameera.

Dargaggeessi gara jabina waraana abbaa irree Bilxiginnaan ajjeefame kun tuttuqaa siyaasaa kam irraayyuu bilisa akka ta’e kan himamu yoo ta’u, Oromummaa isaa qofaan yakkamee akka ajjeefames  dabalataan ibsameera 

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading