ONM-ABO Amajjii 15, 2025
Bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 04 keessaa Amajjii 12, 2025 ergamtoonni sirna nama nyaataa PP halkan toora sa’a 7:00’tti mana jireenyaa ishee dhaquun dubartii Aadde Alamituu Tarfaasaa jedhamtu “ilma kee fidi” jechuun ukkaamsanii deemuun waajjira poolisii ganda 07’tti hidhanii dararaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.
Aadde Alamiituun dhukkubsattuu guyyaa tokkoof illee fayyaa hin bulle ta’uu kan himan maddeen, armaan duras mucaan ishee Raagu’eel jedhamu, hiriyoota isaa dargaggoota 3 waliin sababa Oromummaa qofaaf haala suukkanneessaa ta’een bakka tokkotti ajjeefamuu isaaniitiin, onneen isaanii gaddaan madaa’ee hanga har’aa osoo hin fayyin, ammas “ilma kee isa hafe fidi” jechuun hidhanii doorsisaa kan jiran ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
Waajjira poolisii magaalaa Naqamtee ganda 07 keessatti luba mana amantaa kan ta’e, nama Addaam Tamasgeen Waaqjiraa jedhamu dabalatee, hidhamtoonni siyaasaa fi maatiin qabsaa’otaa hedduun yeroo dheeraaf gaaffii seeraa tokko malee hidhamanii garmalee dararamaa kan jiran ta’uun dabalataan ibsameera.
