• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Walloo magaalaa Kamiseetti boba’aan dhabamuu dabalatee qaala’iinsi jireenyaa akkaan jiraattotatti hammaate

Jan 16, 2025

ONM-ABO Amajjii 16, 2025 

Jiraataan magaalaa Kamisee Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko akka jedhutti, magaalaa Kamisee keessaa boba’aan dhabameera, garuu iddoo tokko tokkotti kan dura daldaltoota irraa saaman warroota qaama mootummaa ofiin jedhaniin gatii qaaliidhaan ni gurgurama, isaan ammoo namoota maratti hin gurguran yoo hiriyoota isaanii fi namoota wal beekanitti ta’e malee jechuun, matuma isaa irraa kaasee warreen isaaniin hiriyyaa hin taanee fi wal hin beekne qarshii ofiin bitachuufuu rakkachaa akka jiran dubbata.

Jiraataan magaalichaa kan biroon tokkos akka himutti, caasaaleen Bilxiginnaa kunneen boba’aa litira 4 qarshii 500-600’tti gurgurachaa kan jiranii fi sababa namoota beekanitti malee hin gurgurreef konkolaachiftootni danuun magaalicha keessatti geejjiba dhaabuu fi kaanis dhaabuuf dirqamaniiru jechuun ibsa. Kana malees bifa dhoksaan ammoo qarshii 300 oliin iyyuu bitamaa jiraachuu dubbata.

Boba’aan dhabamuu irraan kan ka’es baajaajiin magaalaa Kamisee irraa gara magaalaa Qallootti nama tokko fe’uuf kan dura qarshii 10-15 ture amma qarshii 50 namoota gaafachaa jiraachuu fi magaalaa Kamisee irraa magaalaa Jimaatee deemuufis kan dura qarshii 20-30 ta’e amma qarshii 60 ta’uu akkasumas magaalaan Caffaa Roobit illee kanarra dabalee akka jiru ifoomsa.

Dabalataan magaalicha keessatti qaala’iinsi jireenyaa daran hammaachuu himuun, xaafiin ardabni tokko qarshii 12,500-13,500’n bitamaa kan jiru ta’uu fi namoonni harka qalleeyyii ta’an magaalicha keessatti qaama itti iyyatan dhabuun ijoollee isaanii waliin agabuu bulaa akka jiran himameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading