ONM-ABO Amajjii 15, 2025
Waraanni Israa’el daangaa Gaazaa fi Masrii Koridoorii Filadelfii keessaa ba’uuf qophaa’uu fi waliigaltee jijjiirraa booji’amtootaa akkasumas hidhamtootaa xumuramuuf eegamaa jira jechuun tamsaasni ummataa Israa’el KAN Kibxata kaleessaa galgala gabaaseera.
“Waliigalteen dhukaasa dhaabuu hojiirra ooluu waan jalqabuuf suuta suutaan Gaazaa keessaa ba’uuf qophaa’uuf sa’aatii 24 darban keessatti walgahii fi madaalliin haalaa Ajaja Kibbaa waraana Israa’el keessatti gaggeeffameera,” jechuun tamsaasichi ibseera.
Madda nageenyaa maqaan isaa hin ibsamne wabeeffachuun KAN, “Waraanni Israa’el waliigaltichi erga mallattaa’ee yeroo muraasa booda qaxxaamuraa Raafaa gama Falasxiin irraa ba’uuf qophaa’aa jira” jedheera.
“Israa’el Koridoorii Filadelfii (daangaa Gaazaa fi Masrii) keessaa ba’uun ishee qondaaltota nageenyaa Israa’el, Masrii fi Ameerikaa waliin qindoominaan hojjetameera,” jedha miidiyaan kun.
Itti dabaluudhaanis ”waraanni kun waliigaltee Hamaas waliin erga mallattaa’ee booda guyyoota muraasa jalqabaa keessatti Koridoorii Filadelfii keessaa ni ba’a” jedheera.
Kaataar Kibxata kaleessaa mariin dhukaasa dhaabuu Gaazaa ”bal’ina dhumaa” keessa akka jiruu fi waliigaltee beeksisuun ”dhi’oodha” jetteetti.
Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Majed al-Ansariin ibsa gaazexeessitootaaf Dohaatti kennaniin, “Wixineen waliigaltee Hamaas fi Israa’eliif kennameera, dhimmoota ijoo falmisiisaa gama lamaan gidduutti gufuuwwan gurguddoon furmaata argataniiru.
Gareen diddaa Falasxiin Hamaas waliigaltee dhukaasa dhaabuu fi hidhamtoota jijjiiruu Gaazaa “sadarkaa dhumaa” irra akka jirus mirkaneessee jira jechuun France 24 gabaaseera.


