• Fri. Jan 2nd, 2026

Godina Baha Shaggar magaalota Mojoo fi Dukam keessatti ergamtoonni maafiyaan PP manneen jiraattotaa diigaa jiraachuun himame

Jan 18, 2025

ONM-ABO Amajjii 17, 2025 

Godina Baha Shaggar magaalota Mojoo fi Dukam keessatti maqaa ijaarsa “Kooriidarii” jedhuun wayita ammaa ergamtoonni sirna nama nyaataan PP manneenii fi qabeenya hawaasaa beenyaa tokko malee dirqamaan diiganii jalaa mancaasaa jiraachuu jiraattonni magaalota kanneen irraa dubbisne tokko tokko miira aarii fi mufannaatiin Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Sababa kanaanis hawaasni magaalaa dinagdeen isaa  daldala qofa irratti bu’uureeffamee jiru waan hojjetee bulu dhabuun, jiruu gadadoo harka namaa ilaaluutiif saaxilamaa kan jiru ta’uu jiraattonni dubbisne itti dabaluun eeranii jiru.

Murni Bilxiginnaa fi Abiy Ahimed maqaa kooriidara misoomaatiin manneen haadha hiyyeessaa hedduu diiganii jireenya rakkinaaf kan saaxilan yoo ta’u, ofii isaanii garuu akka waan jijiiirama fidaniitti halkan osoo daawwatanii miidiyaan waraabamuun hiyyeeyyii fala dhabaniitti abjuu hin qaqqabatamnee fi hin jiraatamne yeroo dubbatan ni mul’atu.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading