ONM-ABO Amajjii 17, 2025
Kutaalee impaayerattii cufa keessaa lukkeeleen Bilxiginnaa haala duraan barameen olitti sabboontota ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf adamsanii hidhaatti guuraa kan jiran ta’uun ni beekama.
Bulchiinsa magaalaa Naqamtee ganda 07 naannoo Boordii jedhamu irraa Amajjii 13, 2025 ergamtoonni sirna nama nyaataa PP nama Saadiq Abdulqaadir jedhamu badii tokko malee ukkaamsuun waajjira poolisii ganda 07’tti hidhanii dararaa kan jiran ta’uu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Akka maddeen himanitti, namni kun dhalataa godina Lixa Wallaggaa aanaa Begii ta’uu himuun, innis hojii humnaa hojjechuun magaalaa Naqamtee keessa kan jiraatuu fi maqaa “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuunis kan hidhame ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.
