ONM-ABO Amajjii 18, 2025
Hawwaa Hasan kan jedhamtu jiraattuu aanaa Harxummaa Fursee ganda Bisho Uttoo yoo taatu, haadha manaa dargaggoo Mahaammad Ambullaati, isheenis bultii 15’n dura deessee ciisaa iddoo jirtutti milishoonni sirnichaa Amajjii 14, 2025 halkan keessaa sa’atii 7:00’tti abbaa warraa kee barbaannaa hulaa bani jechuun bansiisanii deessuun kun iddoo isheen daa’ima dhiigaa waliin ciiftutti reebicha suukkanneessoo ta’e irratti raawwachuun qabeenyaa mana keessaa uffannaan osoo hin hafne jalaa saamaniiru.
Halkanuma sana Amajjii 14, 2025 ganduma Bisho Uttootti yeroo wal fakkaataa jechuun sa’atiima 7:00’tti milishoonni sirnichaa kunneem mana Aliyyii Sulxaan deemanii hulaa bansiisuun abbaa warraa kee barbaanna fidi jedhanii haadha manaa Aliyyii Sulxaan reebicha ulfaataa irratti raawwachuun qarshii dabalatee meeshaalee mana keessaa guutummaatti jalaa saamuu jiraattotni himan.
Milishoonni murna Bilxiginnaa kunneen gochoota badii isaanii kana ittuma fufuun, ganduma Bisho Uttootti halkanuma sana sa’a 8:00’tti balbala nu jalaa banuu diddan jechuun dhukaasa hawaasa hirriba irra jirutti bananiin loon dorrobaa lama kan Mahaammad Gussee rasaasa itti roobsuun yoo ajjeesan, Adam Ambullaa nama jedhamu ammoo garmalee reebanii mooraa isaaniitti geeffachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.


