• Tue. Jan 13th, 2026

Kooriyaan Kaabaa shaakala Kibbaa US, Jaappaan waliin taasiftu irratti tarkaanfii cimaa akka fudhattu akeekkachiiste

Jan 18, 2025

ONM-ABO Amajjii 18, 2025 

Kooriyaan Kaabaa Jimaata kaleessaa shaakala waraanaa waloo Kooriyaa Kibbaa, Jaappaan fi Ameerikaa gidduutti torban kana gaggeeffame balaaleffachuun, mirga of ittisuu ishee “ciminaan” fayyadamuudhaan deebii akka kennitu doorsifteetti.

Shaakala biyyoota sadii kun kan gaggeeffame erga Piyoongiyaang torban darban keessa sirna misaa’ela haaraa haaypersoonikii fi misaa’ela balistikii fageenya gabaabaa jette erga furguggiftee booda fi prezidaantiin filataman Doonaald Tiraamp Wiixata gara aangootti deebi’uu isaanii dura.  

Ministirri Dhimma Alaa Yunaayitid Isteets Antony Blinken torban darbe Kooriyaa Kibbaa daawwachaa kan turan yoo ta’u, Kooriyaan Kaabaa misaa’ela haaypersoonikii jedhame kana furguggifte.  Raashiyaan gargaarsa teeknooloojii hawaa fi saatalaayitii sadarkaa olaanaa dabalatee gargaarsa Yukireen loluuf kenniteef akka badhaasaatti deggarsaan Kooriyaa Kaabaa cimsaa akka jirtu ragaaleen ni mul’isu jedhan jechuun AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading