• Sat. Jan 10th, 2026

Murni Bilxiginnaa Baha Wallaggaa Aanaa Gobbuu Sayyoo keessatti barsiisaa tokkoo fi haadha ulfa tokko rasaasa itti roobsuun oggaa ajjeesan, daa’ima tokko madeessuun dhagaa’ame

Jan 21, 2025

ONM-ABO Amajjii 19, 2025 

Murni badee balleessaan teessoo impaayerattii tiksuuf jecha sababa tokko malee Oromummaa isaaniin yakkuun dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuun reeffa namaa bineensa sooraa oolu faashistichi impaayerattii Bilxiginnaan gara laafina tokko malee daa’ima, dargaggeesssa, maanguddoo fi haadholii osoo hin jenne rasaasaan waadee ajjeesuun duguuggaa sanyii raawwachuu itti fufee jira.

Waan deemanii fi nama ergamaniif kan hin beekne garaa ishee qofaaf jiruuf jireenya hawaasa nagaa barbadeessaa kan ooltu jaleewwan PP gara laafina tokko malee saba irraa dhalatan hidhuu, saamuu, ajjeesanii gatuu fi qe’ee irraa buqqisuun dararaa ulfaataa irraan ga’aa jiru.

Amajjii 17, 2025 Baha Wallaggaa aanaa Gobbuu Sayyoo ganda Hadaree jedhamtu keessatti balleessaa tokko malee dubartii ulfa garaadhaa daa’ima qabdu kan maqaan ishee Biraanee Abdiisaa Tasgaraa jedhamtuu fi daa’ima ganna 3 kan taate kan maqaan ishee Iftuu Caalaa jedhamtu guyyaa keessaa toora sa’a 8’tti rasaasa itti roobsuun yoo rukutan haati sun battalatti yoo duutu, daa’imni sun immoo madooftee yaalamaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf gabaasan.

Guyyaadhuma sana  aanichuma ganda Hadaree Tiksaa keessatti barsiisaa mana barumsaa sadarkaa 1’ffaa Qananii Sayyoo kan maqaan isaa Alamuu jedhamu toora sa’a 3’tti rasaasa itti roobsuun akka ajjeesan maddeen dabaluun ONM’f eeran.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading