• Sun. Mar 15th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Guutoo Giddaatti saamichaa fi hidhaan loltoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe 

Jan 24, 2025

ONM-ABO Amajjii 21, 2025 

Aanaa Guutoo Giddaa ganda Eebbaa iddoo addaa Alamganaa jedhamu keessaa Amajjii 16, 2025 dubartii maqaan ishee Aadde Dassee Baayisaa jedhamtu loltoonni Abiy Ahimed badii tokko malee dhugaatii alkoolii Biiraa saanduqa 4 guutuu jalaa saamuun, ishees saanduqa Biiraa kana 2 dugdatti, 2 ammoo harka lamaanitti baachisuun gara mooraa waraanaatti geessanii dararaa ulfaataa irraan gahuun hidhanii jiraachuu jiraattonni ijaan argan Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Aadde Dasseen haadha daa’imman 5 ta’uu kan himan jiraattonni, isheenis daa’imman abbaan warraa ishee wal’aansoo jireenyaa moo’achuuf itti dhiisee hojii guyyaa hojjechuuf bakka biroo deeme, dhugaatii daldaluun galii xiqqoo harkaa gara afaanii argattuun kan guddistu ta’uus Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Kana malees, guyyaadhuma kana gandichuma iddoo addaa Guduruu jedhamu irraa ammoo nama maqaan isaa Obbo Girmaa Dhufeeraa jedhamu maqaa “ilma keetu qabsaa’adha” jedhuun mana isaatii qabanii isas hidhaatti darbachuu maddeen itti dabaluun ibsaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading