• Fri. Mar 20th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed maatii qabsaa’otaa jalaa mana gubuu hammeessan

Jan 24, 2025

ONM-ABO Amajjii 21, 2025 

Loltoonni Bilxiginnaa haleellaa Duula Cichoomina Kaayyoo WBO’n irratti geggeessaa jiru dandamachuu dadhabuun, hawaasa nagaa gara maatii qabsaa’otaatti deebi’uun yakkoota gara jabinaa hangana hin jedhamne irratti raawwachaa jiru.

Aanaa Calliyaa ganda Tulluu Kosorruu jedhamu keessaa torban darbe keessa loltoonni Bilxiginnaa, “abbaa warraa keetu bosona jira” jechuun Aadde Sinqee Kidaanee kan jedhamtu jalaa mana jireenyaa ishee midhaan nyaataa gosa garaa garaa qarshii kuma dhibba lamaa olitti tilmaamamuu fi qabeenya kanneen biroo isheen qabdu hunda waliin ibidda itti shidanii barbadeessuu maddeen ONM’tti himan.

Akka maddeen himanitti, Aadde Sinqeen nama nagaa siyaasa kam irraa walaba taatee fi dafqa ishee cobsitee rakkattee daa’imman 3 kan guddistu ta’uu ONM’f eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading