ONM-ABO Amajjii 22, 2025
Irree gaachanni uummata Oromoo WBOn Zoonii Kibbaa har’a Amajjii 22 godina Booranaa aanaa Goomolee ganda Dhakaa Barruu barii barraaqaan mooraa waraanaa faashistii PP itti marsuudhaan tiksitootaa fi leellistoota impaayera Itoophiyaa irratti dhukaasa banuun rasaasaan akaa’ee baarudaan macheessuun olii fi gadi ari’ee 52 battalatti irraa ajjeesuun 19 madoo dandammii hin qabneen adabee jira.
Tarkaanfii kanaanis waraana maafiyaa PP 2 jiraa harkaan qabee jira.
Gama meeshaatiin
Qawwee AKM 34
PKM 2
Gumbii 34
Boombii 6
Hidhannoo 17
Nyoroorroo abbaa 400
Rasaasa AKM 1200
Rasaasa PKM 800 fi meeshaalee garaa garaa irraa hiikuun galii dantaa qabsoo bilisummaa Oromootiif oolchee jira.
Injifannoon Uummata Oromoof ❗


