• Fri. Mar 13th, 2026

Aanota Godina Arsii Bahaa fi Arsii Lixaa keessatti murni PP uummata saamaa fi jumlaan ukkaamsuun hidhaa jiraachuun dhagaa’ame

Jan 28, 2025

ONM-ABO Amajjii 27, 2025 

Arsii Lixaa aanaa Adaabbaa gandoota 27’n aanichi qabu keessatti kan bobba’an kaadiroonni fi waraanni PP afaan qawween doorsisuun nama tokko irraa qamadii kiilogiraama 30 funaanaa kan jiran oggaa ta’u, onichuma keessatti qawwee binna jechuun nama tokko irraa qarshii 300-1000’tti saamaa kan jiran ta’uu maddeen ONM’f eeran.

Amajjii 24, 2025 Arsii Bahaa aanaa Martii ganda Waaticha Dolee irraa namoota hedduu reebuu fi qabeenyaa isaanii saamuun mana hidhaatti darbatanii dararaa jiraachuu maddeen himaniiru. Namootni saamamuun hidhaatti darbataman kunneeniis:

  1. Amanoo Roobaa, 
  2. Misira Adam, 
  3. Amanee Goobanaa, 
  4. Misira Abdurroo fi 
  5. Maaliyaa Tufaa 

kanneen jedhaman yoo ta’an, haaluma wal fakkaatuun guyyaadhuma sana aanaa Jajuu gandoota hedduu irraa badii tokko malee namoota mana hidhaatti guuruun reebicha irraan ga’anii akka maatiinis dhaqee hin ilaalle irraa ugguraa jiraachuun dhaga’ameera. Namootni kunneenis maqaan isaanii:

  1. Muussaa Jamaaloo, 
  2. Ditaa Jamaaloo fi 
  3. Gannaa Haajii haadha isaa wajjin hidhanii hiraarsaa jiraachuu maddeen dabaluun ONM’tti himan.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading