• Mon. Mar 16th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuu keessatti dargaggoon tokko loltoota faashistii PP’n ajjeefame

Jan 28, 2025

ONM-ABO Amajjii 28, 2025 

Kutaalee impaayerattii cufa keessatti ergamtoonni sirna nama nyaataa PP yeroo ammaa haala duraan barameen olitti sabboontota ilmaan Oromoo adamsanii hidhuu fi ajjeesuu cimsanii itti fufanii jiru.

Aanaa Mana Sibuu ganda Geeboo Lalisaa keessaa Amajjii 26, 2025 loltoonni koloneel Abiy Ahimed dargaggoo maqaan isaa Maatiwoos Oljirraa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun haala suukkanneessaa ta’een ajjeesanii gatuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, dargaggoon loltoota sirnichaan ajjeefame kun siyaasa kam keessa kan hin jirree fi Doqdoqqee oofuun kan of jireessu ta’uu himuun, innis sababa sobaa maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun yakkamee haala nama gaddisiisuun kan ajjeefame ta’uu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading