• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Gujii Bahaa Aanaa Adoolaa Reeddeetti lukkeeleen Bilxiginnaa walii isaaniin wal hidhanii jiraachuun dhaga’ame

Jan 29, 2025

ONM-ABO Amajjii 28, 2025 

Naamusa waraanummaa tokkollee kan hin eegne waraanni maafiyaan impaayerattii akkuma argan bobbaafamuun, rakkoo keessoo isaaniitti uumamuu fi amala fafummaa agarsiisaa oolaniin waliima isaaniin walitti gara galuun ajaja walii guutuu dhabanii wal hidhaa fi lubbuu walii isaanii balleessaa jiru. 

Aanaa Adoolaa Reeddeetti torban darbe keessa lukkeeleen Bilxiginnaa ‘milishaa fi farra riphee lolaa’ jedhamuun waamaman, “dhaqaa Waraana Bilisummaa Oromoo lolaa” jechuun dirqamni qaama isaanii olii irraa hoggaa itti kennamu, “deemnee hin lollu” jechuun wal dhibdee isaan gidduutti uumameen kanneen baay’inaan 20 ol ta’an waajjira poolisii aanichaatti walii isaaniin wal hidhanii garmalee wal dararaa jiraachuu maddeen itti dhiheenyaan beekan himan.

Akka maddeen himanitti, “loltoonni sirnichaa kunneen yeroo ammaa kana waliif galaa kan hin jirre ta’uu fi gubbaa hanga gadiitti afaan qawwee walitti garagalfachuun wal dararaa ooluu himuun, yoo isaan keessaa namni tokko yaaduma xiqqoo akka qajeelaa kaasuu barbaadu hidhata qaama adda addaa qaba jedhamee shakkamuun hiraarfama. Reebicha ulfaataa qaama laalessuu fi yoo fedhan immoo ajjeechaa suukkaneessaa wal irratti raawwatu” jechuun dubbatu. 

Akkuma impaayerattiitti, qaamolee fi lukkeewwan Bilxiginnaa yeroo adda addaatti rakkoo keessoo isaaniitti uumamuuf fala wal hubannoo dhabuun  waliigaltee dhabanii walii isaaniin walitti deebi’uun wal galaafataa jiraachuunis himamee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading