• Sun. Jan 11th, 2026

Ajajaan Raayyaa ittisa impaayerattii tokko Aanaa Harxummaa Fursee keessatti uummatatti yoo dhaadatu, milishoonni sirnichaa immoo WBO loltu jechuun hawaasa hiraarsuu jabeessan 

Jan 30, 2025

ONM-ABO Amajjii 30, 2025 

Ajajaan waraana raayyaa ittisa Bilxiginnaa kan maqaan isaa Abarraa jedhamu aanaa Harxummaa Fursee ganda Qorii keessatti hawaasa dirqamaan walitti qabee waltajjii tibbana teessisaa jiruun waltajjii ba’aa isiniin jennu bahaa hin jirtan, waraanni keenya yoo dhufe hin simattan, “nuti aanaa kana tasgabbeessuuf dhufne” yoo isin nu baqattanii fi nu waliin taatanii WBO’tti hin duultan ta’e nageenyi nuti kabachiisuu dhufne gara badiisa keessaniitti akka deebi’u beekaa jechuun hawaasa naannichaatti dhaadate.

Kun osoo kanaan jiruu milishoonni sirnichaa aanichuma ganda Qoriitti manneen jiraattotaatti marsanii abbootii warraa dirqamaan ukkaamsanii qabuun qaama nageenyaa keenya waliin ta’uun WBO loltu ittiin jedhanii qonnaan bultoota dirqiin duulchisuuf qophiitti jiraachuu fi namoota nuti lola nu hin ilaallannetti hin hirmaannu jedhanii didan ammoo reebaa, saamaa, hidhaa fi rasaasaan rukutuun madeessaa akka jiran barameera. 

Milishoonni sirnichaa WBO’tti duultu jechuun fedhii fi kaka’umsa hawaasaa malee adda durummaan jiraattota rakkisaa jiran maqaan isaanii Adam Umar Maammadoo, Daayyilee Arabuu fi Umar Mahaammad Bushuraa ta’uu jiraattotni aanaa Harxummaa Fursee ganda Qorii Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading