• Sat. Mar 14th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Abee Dongorootti finxaaleeyyiin Amaaraa ilmaan Oromoo saamuu cimsanii itti fufan

Feb 1, 2025

ONM-ABO Amajjii 31, 2025 

Finxaaleeyyiin Amaaraa maqaa “Faannoo” jedhu moggaafachuun ilmaan isaanii kutaalee Oromiyaa keessa jiraatanii fi murnoota Bilxiginnaa hunda firoomfachuun hanga funyaaniitti hidhatanii uummata meesha maleessa nagaan qe’ee isaa irra jiraatu irratti gochoota gara jabinaa tilmaama hin qabne raawwachaa jiru. 

Aanaa Abee Dongoroo ganda Hoomaa Gaalessaa jedhamu irraa hidhattoonni Amaaraa gara jabina ulfaataa ta’een ilmaan Oromoo irratti gochoota suukkaneessoo tilmaama hin qabne raawwachaa kan jiran yoo ta’u, Amajjii 26, 2025: 

  1. Ahimad Jamaal jalaa boqqolloo ardaba 60,
  2. Sheek Ahimad Saanii jalaa boqqolloo ardaba 50,
  3. Shaafii Sayidaa jalaa boqqolloo ardaba 60,
  4. Ahimad Yuuyyaa jalaa boqqolloo ardaba 130,
  5. Taajuddin Shaafii jalaa boqqolloo ardaba 50,
  6. Taajuu Hamdaa jalaa boqqolloo ardaba 40 

saamanii deemuu jiraattonni gandichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan. 

Yeroo adda addaatti finxaaleeyyiin Amaaraa aanaa Abee Dongoroo fi naannoo ishee dhokatanii eeggachuun saamichaa hanga ajjeechaatti raawwachaa kan jiran yoo ta’u, mootummaa nama nyaataan impaayerattii hawaasaaf illee birmachaa kan hin jirree fi innis gama isaaf danda’ame maraan ciqilee isaa irra dhaabbachuun dararaa kan jiru waan ta’eef, hawaasni rakkoo ulfaataa keessa jiraachuun dabalataan ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading