ONM-ABO Gurraandhala 1, 2025
Loltoonni Bilxiginnaa akkuma argan bobbaafamuun bakka hundatti ilmaan Oromoo sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun hiraarsaa oolu.
Haaluma kanaan Amajjii 29,2025 waraanni faashistii PP aanaa Yaayyaa Gullallee ganda Goda Jabaa jedhamu keessaa nama maqaan isaa Taaddasaa Biraanuu jedhamu badii tokko malee reebicha hamaa irraan gahuun hidhaatti darbatanii garmalee hiraarsaa jiraachuu jiraataan gandichaa dubbisne tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himee jira.
Akka jiraataan kun himetti, namni kun hirmaannaa siyaasaa garee kamiiyyuu kan hin qabne yoo ta’u, hidhattoonni sirnichaa ammoo sababa ittiin hidhan irra barbaadanii dhabuun sobanii “bilbila kee keessatti lakkoofsa bilbilaa miseensa WBO argine” jechuun yakkanii hidhuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeree jira.
Hidhaan namoota dararuun alattis aanichatti maqaa kaffaltii gosa garaa garaa nagahee hin qabneen illee saamichi jiraattota irratti raawwatu yeroo ammaa kufaatii dinagdee impaayerattii mudate hordofuun, haala dura barameen olitti dachaa meeqaan dabalee kan jiru ta’uun dabalataan eeramee jira.


