ONM-ABO Gurraandhala 1, 2025
Maqaa waraana Bilisummaa Oromoo daldala mataa isaanii isa ol’aanaa taasifachuun maatii qabsaa’otaa fi sabboontota ilmaan Oromoo ittiin dararaa kan oolan shiftootni murna abbaa irree Bilxiginnaan gochoota badii isaanii itti fufuun, aanaa Harxummaa Fursee ganda Bishee keessaa Amajjii 28, 2025 ergamtootni sirnichaa WBO’tti duuluu diddan jechuun qonnaan bultoota maqaan isaanii Obbo Ammadee Dilbii fi Dagoo jedhaman qabanii magaalaa Caffaa Roobit keessatti hidhuun dabareen itti wal darbanii garmalee reebaa akka jiran himameera.
Oduuma hidhaa fi reebichaatiin ammoo godinichuma aanaa Dawwee Harawaa magaalaa Harawaatti Amajjii 27, 2025 jiraataa ganda Jajjabaa kan ta’e dargaggoo reefuu bultii ijaarrate qonnaan bulaa maqaan isaa Ahimadee Bashiiree jedhamu iddoo inni qotiyyoo gurgurachuuf gabaa ba’etti ergamtootni faashistii PP kun itti marsanii qabuun reebicha ulfaataa fuula namootaa duratti irraan ga’aa turuu jiraattotni dubbatu.
Hidhattootni sirnichaa kunneen qonnaan bulaa kana gabaa keessa oofanii reebaa fi watwwaachisaa ooluun, boodarra konkolaataa keessa buusuun miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo qabanne jedhanii dhiichisaa magaalaa Booraatti hidhanii dararaa ilma namaa tokko irra ga’uuf hin malle irraan ga’aa turuu fi yeroo ammaa ammoo eessa akka isaan buusan kan hin baramne ta’uu maddeen keenya onichaa ONM’tti himaniiru.
