ONM-ABO Gurraandhala 1, 2025
Naannoo kibba Volgograd keessatti boba’aa qulqulleessu tokko haleellaa diroonii Yukireeniin erga rukutamee booda ibidda qabate.
Bulchaan biyya keessaa Andireyi Bocharov haleellaa halkanii kana mirkaneessuun, balaan ibiddaa kun “dhaamsuu” fi hojjetaan miidhame tokko hospitaala ga’uu ibsaniiru.
Haleellaan kun Yukireen yeroo dhiyootti duula fooyya’iinsa, kuusaa boba’aa fi iddoowwan industirii tattaaffii waraanaa jala jiran balleessuuf goote keessatti argama.
Jalqaba torban kanaa, Kiyiv naannoo Nizhiny Novgorod, baha Moscow keessatti qulqulleessituu boba’aattu ibidda qabsiisuun ni beekama.
Ministeerri Ittisaa Raashiyaa Jimaata kaleessaa akka jedhetti dirooniin Yukireen 49, naannoo kibba Roostoov keessatti 25 fi naannoo Voolgoogiraad keessatti saddeet dabalatee kuffifamaniiru.




