• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota irratti maqaa kaffaltii gibiraan dararaa fi saamicha raawwachuu itti fufan

Feb 3, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 2, 2025 

Aanaa Baakkoo Tibbee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa bututtuu impaayera Itiyoophiyaa suphuuf ilmaan Oromoo irratti saamichaa fi dararaa hammeessuun, ganda Bahaarii Aabboo jedhamu keessaa Amajjii 31, 2025 “maatiin keessan gibira hin kaffalle” jechuun dargaggoota hedduu dhimma dhuunfaa isaaniif deeman daandii irraa qabuun, “maatii keessanitti bilbilaatii akka isaan dhufanii kaffalan itti himaa” “Isinis yeroo isaan qarshii fidanii dhufan baatu” jechuun ugguranii rakkisaa kan turan ta’uu jiraattonni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Ergamtoonni Bilxiginnaa saamichaaf bobbaafaman kunneen, sodaa WBO’f jecha akka fedhan gara gandoota baadiyyaa deemanii saamuu waan hin dandeenyeef, seensa magaalaa daandii irraa mana kireeffachuun, wayita hawaasni gara magaalaa deemu eeggatanii saamichaa fi dararaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuun eeramee jira.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading