• Sat. Jan 3rd, 2026

Godina Lixa Shaggar Aanaa Baakkoo Tibbeetti reebichaa fi hidhaan ergamtoota sirnichaan lammiilee nagaa irratti raawwatu akkaan hammaatee itti fufe

Feb 4, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 3, 2025 

Aanaa Baakkoo Tibbee gandoota akka: Pakkajjoo Allee, Bahaarii Aabboo fi Doorii Aabboo jedhaman keessatti Guraandhala 1, 2025 ganama barii irraa eegaluun ergamtoonni PP bakka Waraanni Bilisummaa Oromoo jiru nu geessaa jechuun dargaggoota hedduu irratti reebicha hamaa ta’e raawwachaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Guyyaadhuma kana gandoota armaan olitti eeraman; Bahaarii Aabboo fi Doorii Abboo keessaa qonnaan bultoota 

waa’ee siyaasaa homaa illee hin beekne “isin loojistikii WBO’ti” jechuun namoota 6 reebicha ulfaataa qaama laalessu erga reebanii booda fuudhanii deemuun hidhaatti darbatanii jiraachuu maddeen himan.

Qonnaan bultoota kanneen keessaa kan maqaan nu ga’e:

  1. Alamaayyoo Jalduu,
  2. Tafarii Soorii,
  3. Balaay Zawuduu fi 
  4. Gaashawu kan jedhaman ta’uun eeramee jira.

Aanicha bakkeewwan addaa addaattis saamichi bifa adda ta’een jabaatee itti fufee jiraachuun dabalataan ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading