• Wed. Jan 14th, 2026

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Mana Sibuutti loltoonni Abiy Ahimed konkolaachistoota ukkaamsanii hidhaatti darbachaa jiraachuun himame

Feb 4, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 3, 2025 

Waraanni faashistii PP kan isaan afaan qawwee itti qabanii dirqamaan yaabbatanii deemuun konkolaachistoota irbaata rasaasaa taasisaa oolan hanqannaan, yeroo fedhanitti ammoo sobaan yakkuun miidhaa ulfaataa irraan gahaa jiraachuun ibsamee jira.

Aanaa Mana Sibuu bulchiinsa magaalaa Mandii keessaa Amajjii 31, 2025 loltoonni Bilxiginnaa badii tokko malee konkolaachistoota 2 kanneen maqaan isaanii: Daagimii fi 

Tawakkal jedhaman hojii idilee isaanii irraa ukkaamsuun waajjira poolisii magaalichaa keessatti hidhanii garmalee hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, konkolaachistoonni kunneen hojii idilee isaanii hojjechuu malee siyaasa kam keessa kan hin jirre ta’uu himuun, loltoonni sirnichaa  guyyichuma Amajjii 31, 2025 tarkaanfii WBO’n Imala Duula Cichoomina Kaayyoo milkeessuuf aanicha keessatti irratti fudhateen hedduu miidhamuun namoota kanneen lamaan bakka isaan albuuda cirracha fe’aa jiranitti itti dhaquun “isintu WBO’f odeessa kennee nu rukuchiise” jechuun hidhanii jiraachuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading