• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaalee hunda keessatti sakatta’insa WBO jechuun waraanni PP mariirra turuun saaxilame

Feb 6, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 3, 2025 

Yeroo mara maqaa garaa garaa moggaasuun burjaajii isaan mudate of baraaruuf jecha uummata nagaa gidirsaa kan oolan ergamtoonni Bilxiginnaa qe’ee uummataatti bobbaafamuun jiruu fi  jireenya lammiilee nagaa burjaajessaa kan jiran ta’uun beekamaadha.

Haa ta’u malee tarsimoon isaan baafatanii ittiin jooran kun sababoota garaa garaan jalaa gufachuu irraa kan ke’e kutaalee Oromiyaa cufa keessatti uummata Oromootti aarii isaanii ba’uun hawaasa nagaa ajjeesaa, hidhaa fi saamaa akkasumas manneen  gubuun jiruu gadadoof saaxilaa jiruudha.

Aanaalee kanneen akka Guduruu, Abaaboo Guduruu fi Coomman Guduruu keessatti ajajoonni raayyaa ittisa impaayerattii waltajjii sakkatta’iinsa WBO jedhu irra kan turan oggaa ta’u, waraanni Bilxiginnaa gara Guduruu buufattee jirtu ammoo haleellaa WBO’n irratti raawwateen gaaga’ama lubbuu fi qabeenya akkasumas meeshaalee waraanaa isaan mudate baaraaguun sodaa guddaa keessa seenuun himameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading