ONM-ABO Guraandhala 3, 2025
Waggoota torban kana keessatti murni Bilxiginnaa WBO balleessuuf golee Oromiyaa mara keessatti waraana isaa bobbaasuun ijibbaata dhama’ullee injifatamuu irraan kan ka’e, hawaasni WBO akka jibbuuf tooftaa garaa garaa uummachuudhaan, miseensotuma isaa rifeensa namtolchee itti dhahuun bosona galchee hawaasa nagaa irratti ajjeechaa, saamicha, gudeeddaa fi gochoota suukkanneessoo garaa garaa yeroo inni raawwachiisu ni mul’ata.
Lixa Shaggar aanaa Daannoo ganda Dirree Daannoo jedhamu keessatti murni garboomfataan PP milishaa sirnichaa kan ta’e nama maqaan isaa Daamuu jedhamu fakkaattota isaa namoota 4 waliin bosona seensisuun hawaasa nagaa saamsisaa, ajjeesisaa fi dararaa garaa garaa irratti raawwachiisaa kan jiru ta’uu jiraattonni gandichaa addeessaniiru.
Milishoonni PP kunneen torban lama dura nama nagaa Dirribii Tolaa jedhamu gibira akka kaffaluuf erga dirqisiisanii booda, osoo inni kaffaluuf gara magaalaatti imaluu hattoota daandii irratti eegsisuun erga saamsiseen booda haala suukkanneessaan rasaasaan ajjeesisuu ONM jiraattota gandichaa rakkoo ulfaataa argaa jiran irraa odeeffateera.
Rakkoo ulfaataa jiraattota gandichaa irratti raawwatamaa jiru kana murni garboomfataan impaayerattii immoo Waraana Bilisummaa Oromoo maqaa balleessuuf holola oofaa kan jiruu fi akka waan isaan miseensa Waraana Bilisummaa Oromoo ta’aniitti abbootii Gadaa ofiif filatan itti erguun akka isaan bosonaa galan fakkeessaa jiraachuun dabalataan ibsameera.







