ONM-ABO Gurraandhala 4, 2025
Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee magaalaa Fursee fi gandoota Qorii jalatti argaman mara keessatti baatii lamaa oliif milishootaa fi waraana raayyaa ittisa Impaayerattii aanicha keessa buufatanii jiraniin roorrifamni hammaataan jiraattota irratti raawwatamu yaaddoo namoomaa uumaa dhufeera.
Gandoota Qorii jalatti argaman cufa keessatti loltootni sirnichaa baabura hawaasni midhaan ittiin daakkatu mara dirqiin cufsiisanii furtuu harkaa fudhachuun deemaa kan jiran yoo ta’u, yeroo hawaasni karaa dheeraa deemee magaalaa Furseetti daakkachuuf imalu ammoo shiftoonni murna PP daandii irratti hawaasa eeguun “warri ganda Laaluu gadii deggartoota WBO’ti” kanaaf yoo barbaaddan beelaan dhumuu dandeessu, “nuti dhimma keessan hin qabnu” magaalaa nutti seenuu miti ijaanuu isin arguu hin barbaannu, erga dhuftanii ammoo midhaan daakkachuu dhuftan fidaa ofii keessanii galaa jechuun midhaan namootaa harkaa fudhachaa jiru.
Namoota Gurraandhala 2, 2025 hidhattoota sirnichaan magaalaa Furseetti midhaan daakkachuuf osoo deemanii reebamuun saamaman keessaa hawwan muraasni maqaan isaanii nu ga’e ganda Raasaa Doddotii irraa Hawwaa Buulessaa harree fi midhaan ardaba tokko, ganda Abbayyoo irraa:
- Kadijjaa Afroo harree fi midhaan ardaba tokko, akkasumas,
ganda Dhakaa Kaatee irraa:
- Faaxumaa Hasan Ammadii fi
- Faaxumaa Hasan Huseen harree lamaa fi midhaan ardaba 2 saamamuu maddeen ONM’tti himaniiru.



















