• Fri. Mar 13th, 2026

Baha Harargee Aanaa Malkaa Ba’loo keessatti saamichi fi reebichi murna PP’n uummata irratti jabaate

Feb 8, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 6, 2025 

Hammeenya malee gaarummaan yeroo tokkoof irraa mul’atee kan hin beekne tiksitoonni impaayerattii dararaa isaanii ilmaan Oromoo irratti hammeessuun, kutaalee Oromiyaa cufa keessatti uummata nagaa dhiiga boochisaa jiru.

Aanaa Malkaa Bal’oo araddaa Tokkummaa Jaalalaa keessatti ergamtonni sirnichaa manneen cidhaa fi lafa gaddi jiru deemuun gatii buusaa gonofaa, inshuraansii fayyaa, gibiraa fi huccuu milishaa jechuun saamaa kan jiran irratti bulchaa araddichaaf doqdoqqee bituu qabdu jechuun qarshii 900 nama tokko irraa fuuchaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Bulchiinsi nama nyaataan kun gochoota diinummaa isaa jabeessuun guyyaa dhufee darbuun hidhaa, ajjeechaa suukkkaneessaa, saamichaa fi dararaa ulfaataa garaa garaa saamtota waraana isaa garaa isaanii qofaaf jooran qe’ee uummataatti bobbaasuun jiruu fi jireenya hawaasaa golgoleessaa jiraachuun daran cimee itti fufee akka jirus ibsameera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading