• Sat. Mar 14th, 2026

Dhukaasa jumlaa hamaa Siwiidin keessatti raawwatameen yoo xiqqaate namootni kudhan du’an

Feb 8, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 6, 2025 

Giddugala barnootaa biyya Siwiidin keessatti dhukaasa nama qawwee qabuun taasifameen, namoonni kudhan ajjeefamuu isaanii poolisiin Roobii kaleessaa yoo ibsu kaka’umsi tarkaanfii kanaa akka hin mirkanoofne jechuun namni tarkaanfii kana fudhates ajjeefamuun barameera.

Haleellaan manneen barnootaa Siwiidin keessatti baay’ee xiqqaa ta’us, biyyattiin dhukaasaa fi boombii jeeqxotaa wajjin walqabatee waggaa waggaan namoota kurnan hedduun ni ajjeefamu.  

Poolisiin waa’ee eenyummaa ykn umurii namoota du’anii, akkasumas barattoota ykn barsiisota mana barumsichaa ta’uu isaanii hin ibsine.

Dhukaasni akkasii baay’ee xiqqaa ta’us, waggoota dhiyoo asitti taateewwan jeequmsaa biroo hedduun manneen barnootaa Siwiidin mudataniiru.

Bitootessa bara 2022 keessa barataan ganna 18 tokko mana barumsaa sadarkaa lammaffaa magaalaa kibbaa Maalmoo keessatti barsiisota lama waraanee ajjeesee ture.

Ji’a lama dura, dargaggeessi ganna 16 tokko mana barumsaa magaalaa xiqqoo Kristianstad jedhamtu keessatti barattuu biraa fi barsiisaa tokko cuubeedhaan erga madeessee booda to’annoo jala oole.

Onkoloolessa bara 2015 keessa haleellaa sanyummaatiin kan ka’e mana barumsaa magaalaa dhiha Tirolhattan keessatti raawwatameen namoonni sadii ajjeefamanii turuu AFP’n gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading