ONM-ABO Guraandhala 5, 2025
Ilmi namaa mana malee, mannis ilma namaa malee jiraachuun kan hin danda’amne ta’uun akkuma beekamu, murni Bilxiginnaa ammoo uummata Oromoo hidhaa fi ajjeechaan jilbeenfachiisuu dadhabnaan manneen jireenyaa isaanii jalaa barbadeessuun jiruu bakkeef maatii guutuun akka saaxilaman taasisaa jira.
Amajjii 31, 2025 aanaa Daawaa Caffaa iddoo Caffaa Ortaa (ganda Balee Abbaa Fardaa) jedhamutti ergamaan Bilxiginnaa Adam Wadaddar jedhamu milishoota hedduu qabatee dhaquun WBO nu waliin loluu diddan maqaa jedhuun qe’ee horsiisee bulaa naannichaa mi’a mana keessaa tokko osoo hin baafatin ibidda itti shiduun jalaa gubanii barbadeessaniiru.
Namoota manneen isaanii jalaa gubate keessaa muraasni maqaan nu ga’e;
obboloota kan ta’an:
- Huseen Mahaammad Tacaan,
- Hasan Mahaammad Tacaan,
- Umar Mahammad Tacaan,
- Ammad Huseen Ahimed,
- Aliyyii Harawaa fi
namoota maqaan isaanii nu hin geenye danuu dabalatee manneen 12 badii tokko malee ibidda itti shiduun gubanii deemuu maddeen keenya gamasii ONM’tti himaniiru.
Hidhattootni sirnichaa kun guyyaadhuma sana Huseen Mahaammad Tacaan jalaa qawwee fi qarshii hedduu kan fudhatan ta’uu fi namoonni manni isaanii jalaa gubate kunneen loon isaanii tikfachuu malee siyaasa kamuu akka hin hordofne jiraattotni himaniiru.
Gocha akka feetee jireenya ilmaan Oromoo addatti balaaf saaxiluuf hojjetame kanaanis jiraattotni danuun qe’ee irraa buqqa’anii jiru.
Lukkeelee Bilxiginnaa ta’uun WBO’tti duultu maqaa jedhuun namoonni adda durummaan hawaasa dararaa jiran Adam Umar:
- Umar Mahaammad Bushuraa,
- Mahaammad Haajii,
- Hasan Ahimed Diimaa fi
- Kulaayyoo namoota jedhaman ta’uu ONM’f eeraniiru.

