ONM-ABO Guraandhala 7, 2025
Impayerri Itiyoophiyaa kan sabaa fi sablammoota walitti buusuu malee nagaa hin barbaanne, kan mootiin ishee walitti bu’iinsa dhalchuun umurii aangoo isaa dheereffachuuf hojjechaa jiru Oromiyaa olloota isheen sarbisiisuun miidhaa lubbuu fi qabeenyaa geggeessaa jira.
Akka kanaanis mootummaan naannoo Soomaalee akkuma bare daangaa Oromiyaa cabsee seenuun weerara lafaa taasisaa kan jiru yoo ta’u, mootummaan naannoo Oromiyaas ta’e kan Federaalaa osoo uummanni itti iyyatuu birmachuufii diduun meeshaalee waraanaa xiqqaa irraa hanga guddaatti guurratee ilmaan Oromoo gamaa aanaa Madda Walaabuun daangaa irra jiran irratti lola banuun miidhaa qaqqabsiisaa jiru.
Lolli taasifamaa jiru kan eegale daangaa Oromiyaa fi Soomaalee gidduutti yoo ta’u, yeroo ammaa daangaa Oromiyaa waraanni Soomaalee hedduun dhiibee seenuun uummata buqqisaa jira. Hawaasni gama isaaniin waan qabaniin dura dhaabbatanii lolicha ofirraa qolachaa kan jiran ta’us, sababa loltootni gama Soomaaleen jiran meeshaalee gurguddaa hidhatanii lolaniif gama uummata Oromoon lubbuun namootaa fi beelladootaas hedduun ba’ee jiraachuu jiraattonni naannichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.
Murni faashistii PP erguma aangoo qabatee poolisootni humna addaa Soomaalee karuma Baalee Lixaa aanaa Gurraadhaamoleen haleellaa banuun uummatni hedduun buqqa’ee magaalaa Dalloo Mannaa qubsiifamanii turan.
Jaarroliin Soomaalee erga Amajjii 25, 2025 waltajjii aadaa Soomaalee Iissaa UESCO’tti galmeessuuf waltajjii Dirree Dhawaatti geggeeffame irratti magaalaan Dirree Dhawaa Soomaalee jala haa galtu jedhanii gaafatanii kallattii daangaa gama Harargee fi Baaleen tuttuqaan hammaatee jira.
Torbee darbe Guraandhala 2, 2025 ammoo uummata Affaar hawaasa Oromoo Karrayyuu irratti bobbaasuun namoota 2 ajjeesisee, gaala 129 jalaa fudhachiisuu isiniif gabaasnee turre.



