ONM-ABO Gurraandhala 10, 2025
Loltoonni Abiy Ahimed Gurraandhala 7, 2025 halkan keessaa toora sa’a 11:00’tti aanaa Gidaamii bakkeewwan akka: Qellem, Giraayii Sonkaa, Giraayii Biishaa, Daayitoo Waarabboo fi Manamoo jedhamanitti bobba’uun, namoota hojii dhuunfaa isaanii qofa irratti bobba’uun jiraatan mana dhaqanii itti marsuun leenjii waraanaaf ukkaamsanii kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa namoota 200 ol ta’an mooraa waraana Bilxiginnaa Qellem keessatti walitti qabuun, 180 ol ammoo mooraa ganda Giraayii Sonkaatti galchanii dararaa turuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.
Haaluma kanaan, ganda Hafteer Saamboo jedhamu irraa namoonni qabaman baay’inni isaanii 30 ol yoo ta’an, isaan keessaa kan maqaan nu ga’e:
- Duulaa Mulgeetaa,
- Qaacuraa Saddeetaa,
- Abboomaa Dhaabaa,
- Balaay Kabbadaa,
- Usmaa’il Abdullaay,
- Raamataa Maammoo,
- Bashir Qemecuu fi kanneen biroo hedduu ta’uun ifoomee jira.
Kana malees, ganda Giraayii Sonkaa irraas namoota ukkaamfaman keessaa kan maqaa arganne:
- Malkaamuu Kaasahuun,
- dargaggoo Jabiir Tasfaa,
- Kamaal Mul’ataa,
- Adabaa Hirkisaa fi
kanneen biroo maqaan isaanii hin eeramne hedduu ta’uu maddeen itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.



