• Mon. Jan 5th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Beddellee keessatti ergamtoonni Bilxiginnaa jiraattota lafa isaanii irraa buqqisuun abbootii qabeenyaaf kennuu cimsanii itti fufan

Feb 11, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 10, 2025 

Kutaalee Oromiyaa cufa keessatti lukkeeleen Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofa dursachuun lafa qonnaan bultoota Oromoo humnaan saamuun abbootii qabeenyaaf kennanii ittiin jireenya isaanii geggeeffachaa jiru. 

Aanaa Beddellee ganda Yaaballaa bakka addaa Qaqaroo naannoo laga Ilikee jedhamutti kana dura bara 2020 ergamtoonni Bilxiginnaa maqaa “kilaasteraan biqilootaa itti oomishna” jedhuun qonnaan bultoota Oromoo lafa isaanii irraa kaasuun beenyaa tokko malee  hanga har’aatti itti qabatanii jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Haata’u malee, lafa sana irratti hanga ammaatti oomishni waan tokkollee kan hin oomishamnee fi biqiltuun tokkollee kan hin dhaabamne ta’uunis baramee jira.

Lafa isaaniif beenyaa gahaan kaffalamuufii akka qabus kan dubbatan jiraattonni, beenyaa  kaffaluu baannaan ammoo lafa isaanii akka deebisuufii qabanis miira aarii fi mufannaatiin Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Murni Bilxiginnaa akkuma guutuu Oromiyaatti lafa qonnaan bultoota Oromoo hedduu afaan qawwee itti qabuun humnaan irraa saamanii abbootii qabeenyaaf kennuun ofii fi maatii isaaniif jireenya fooyya’aa jiraachaa akka jiranis kan mul’ataa jiruudha kan jedhan jiraattota Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbiseedha.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading