• Thu. Mar 19th, 2026

Godina Baha Wallaggaa Aanaalee adda addaa irraa hidhattoonni Amaaraa meeshaa hin hiikkannu jechuun fincilanii ilmaan Oromoo dararaa jiraachuun ifoome

Feb 13, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 11, 2025 

Ergamtoonni Bilxiginnaa ilmaan Oromoo fagootti diinomfachaa ifatti immoo  finxaaleeyyii Amaaraa daangaa ce’anii dhufan kanneen Faannoo jechuun of waaman gargaaruun meeshaa waraanaa hanga funyaaniitti itti hidhuun caasaa isaanii kutaalee Oromiyaa adda addaa keessatti ijaaraafii kan turanii fi itti jiran ta’uun ni beekama.

Hidhattootni finxaaleeyyiin Amaaraa harka Bilxiginnaan meeshaa waraanaa hidhatan kunneen yeroo ammaa kana immoo, meeshaa hiikkachuu diduun ilmaan Oromoo  irratti dararaa hamaa raawwachaa jiru.

Haala kanaanis Baha  Wallaggaa aanaa Sibuu Siree naannoo Madaalluu jedhamu irraa hidhattoonni finxaaleyyii Amaaraa kunneen daranuu saamichaa fi ajjeechaa jabeessuunis kan himamu yoo ta’u, tumsaa fi deggersa meeshaa waraanaa Bilxiginnaan namoota nagaa hiraarsaa jiraachuunis ibsameera.

Akka maddeen himanitti, hidhattoonni kunneen meeshaa hiikkachuu ejjennoon diduun, gaara keessa riphanii galgala galgala ilmaan Oromootti gadi bu’uun waan fedhan saamaa jiru. Nama maqaan isaa Obbo Tashoomaa jedhamu yeroo yerootti doorsisanii nyaata irraa nyaachuun waan fedhii isaanii guuchisiifachaa jiraachuu jiraattonni itti dhiheenyaan beekan ni dubbatu. 

Aanaa kana malees, aanaa Giddaa Ayyaanaa fi Kiiramuu irraas haaluma walfakkaatuun hidhattoota kanneenii yoo hiikkatan hiikkachuu diduun Bilxiginnaa mataa naannessaa jiraachuu kana dura isiniif gabaasnee turuun keenya ni yaadatama.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading