• Thu. Mar 12th, 2026

Godina Walloo Aanaa Harxummaa Fursee keessatti hidhattootni koloneel Abiy Ahimed namoota cidha irra jiran misirroo dabalatee jumlaan ukkaamsanii hidhuun himame

Feb 15, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 13, 2025 

Godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee Qorii ganda Qurqurootaatti dargaggoon Heeydar Ammaduu jedhamu Wiixata Guraandhala 10, 2025 cidha (sirna gaa’elaa) kan geggeeffate yoo ta’u, hidhattootni sirnichaa ammoo Guraandhala 11, 2025 ganama mana isaatti marsanii dargaggoo kanaa fi namoota sirna gaa’ela isaa irratti argaman mara sababa tokko malee reebicha ulfaataa irratti raawwachuun mana barumsaa aanichaa Odaa jedhamutti hidhaniiru.

Namoota dargaggoo kanaa waliin qabaman keessaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Umar Ammee,
  2. Hasan Umar,
  3. Abduu Alii,
  4. Indirroo Mahaammad,
  5. Abduu Ibraahim, 
  6. Abduu Huseenii fi 
  7. haadha manaa Huseen Gasee 

hidhanii garmalee reebuun gochoota dabaa irratti raawwachaa akka jiran jiraattotni onichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading