• Fri. Mar 13th, 2026

Godina Buunnoo Beddellee Aanaa Dambii keessatti hidhaan hawaasa nagaa irratti waraana faashistii PP’n geggeeffamu cimee itti fufe

Feb 16, 2025

ONM-ABO Gurraandhala 14, 2025 

Ilmaan Oromoo dararuu kaayyoo jalqabaa fi hojii idilee taasifachuun kan bobba’an ergamtoonni Bilxiginnaa, goleewwan Oromiyaa cufa keessaa lammiilee nagaa sobaan yakkuun hidhaatti darbachuu cimsanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan, Gurraandhala 8, 2025 waraanni maafiyaan PP aanaa Dambii ganda Dooyyoo jedhamu keessaa ogeessa fayyaa kan ta’e nama maqaan isaa Tamasgeen Tashoomaa jedhamu badii tokko malee “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” sababa jedhu itti maxxansuun mana hidhaatti darbatanii hiraarsaa jiraachuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himan.

Akka maddeen himanitti, namni kun hirmaannaa siyaasaa dhaaba kamiiyyuu kan hin qabne ta’uu fi hawaasa naannoo birattis jaallatamummaa guddaa kan qabu ta’uu himuun, waraanni PP kunneen baatii darbe keessas dukkaana qorichaa isaa cabsuun qoricha qarshii 200,000’tti tilmaamamu jalaa saamuun, haadha warraa isaa Aadde Masarat nama jedhamtus sababa tokko malee baatii tokkoof hidhanii turuu Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading